Subscribe To Our YouTube Channel

Harree maqaan ishee bade

Hubachiisa:- Barreeffama kana keessatti Ayyaana Hoosaa'inaa waliin walqabatee waa'ee Harree fi lammaffaa irratti ammoo waa'ee Qulqulleettii Soofiyaa fi ijoollee ishee sadanii dhiyaateera. Dubbisaa!

Harree Maqaan ishee bade!

Guyyaa hardhaa Ayyaanni Hoosaahinaa ni kabajama. Guyyaan kun ammoo guyyaa kamiyyuu caala guyyaa Harreen itti kabajamtudha. Guyyaan akka kanaatti Harreen kabajamtus waan jiru miti. Guyyaa kanas naannawaa isheetti Faarfatamaa, Zanbaabaan qabamee, miilli ishee Afaa irra ejjetee daandii Iyyerusaaleem irra deemteerti. Sana booda garuu akkamitti maqaan harree akka badeefi mallattoo dhadhabinaa akka taate Waaqayyo haa beeku! Tarii Harreen Jaarsi ykn dulloomaan isaa umuriin isaa waggaa 50 hin darbu malee ni gaafanna ture. Umuriin Harree tokkoo yoo baay'ate waggaa 50. Biyyoota guddachaa jiran kessatti ammoo 10 hin caalu.

Harreen nama waliin jiraachuu eegalte kan jedhamu naannoo waggoottan 5000 hardhaatii kaasee Afrikaattii tarii Itoophiyaatti. Kanaafis ammoo agarsiistuu kan ta'uu danda'u Harreen diidaa Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa fa'a qofaa keessatti argamuu isheeti. Nama tajaajiluun koo erga hi oollee jetteetu jalqaba gara Baha Giddu galeessaatti sana boodas gara Awuroppaatti ceeteerti. Harree yeroo jalqabaatiif Afrikaanota irraa kan fudhatan Roomaanota. Roomaanonni gara kaaba Awuroppaattii yeroo babaldhatan kaaba Awuroppaa ishee galchan. Qarooma Gibtsii jennee kan waamnu Qaroomni Abbaay guddichi "qarooma Harrootaa" jedhama. Qabeenyi suni hundi dachee Afriikaa fi Baha giddu galeessaa irraa fe'amee kan gale Harreedhaani waan ta'eef. Daandii Harrii Awuroppaa fi Eshiyaa naannoo galaana Mediteraniyaanii yeroo durii tureerra miilla isaanii deddeebi'aa kan turan Harroota. Dh.K.D naannoo bara 43tti Roomaanonnii yeroo Ingilizii weeraran Harroonni duulanii turan. Sababa sanaanis Biritaaniyaatti hafaniiru. Jaarraa 16ffaa keessas Ispeenonni Harree gara Laatin Ameerikaatti geessan. Harrees yeroo jalqabaatiif Kaaba Ameerikaa kan geesse Abuuraa Yuhan D. Onate jedhamudha bara 1598 tti. Chaayinaan Addunyaa kan dursitu baay'inaa uummataan qofa osoo hin taane baay'ina harrootaatiinisi. Harroota Mil. 41 ol Addunyaa kana irra jiran keessaa Harroonni Mil. 11 ol Chaayinaatti argamu. Itoophiyaan Mil. 5 ol fi Meeksikoon ammoo Mil. 3.2 oliin 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.

Harreen garuu hardha akka jedhamu dhadhabduu miti. Harreen naannoo itti jiraachaa turte, firootaa fi hiriyoota ishee harroota biroo Bineelda hanga waggaa 25tti hin hirraanfannedha. Hardha "Abalu na irraanfate" bara jennuu keessatti harreen garuu iddoo jiraachaa turte hanga waggaa 25tti hin hirraanfattu. Mee naannoo baadiyyaatti haa ilaallu yeroo harreetti ba'aa fe'anii gabaa dhufanii gurguranii gara mana dhugaatiitti goran harreen garuu bitaa fi mirga ishee marga jiru nyaachaa gara mana isheetti ni qajeelti yoo Waraabessi ishee nyaachuu dhiisee fi yoo hattuun hin hanne.  Yoo kanaa alaa harreen mana ishee wallaaltee hin baddu.

Bala'aam Harree irra taa'ee Israa'eel abaaruu yeroo deemu harreen isaa deemuu yeroo diddu uleedhaan ishee reebe. Garuu balleessaan kan Bala'aam ta'ee argame. Wanta harreen of duratti argite Bala'aam hin argine. Harreen ergamaa of duratti argite, sana booda ni dhaabbatte, Bala'aam garuu hin argine. Amala Harree kana Saayinsiinis ni mirkaneessa. Harreen ni duuti malee wanta nagaa hin taanee fi nageenya isheef hin amansiisnetti hin seentu. Harreen rakkoo dhufuudhaaf jedhu fi sodaa dursitee shakkuuf kennaan isheef kennameera. Wanti ishee fuuldura jiru rakkoo, jireenya isheef kan ishee sodaachisu yoo ta'e iddoo dhaabbattee jirtuu yoo maaliyyuu ta'e hin sochootu. Bala'aamis akkas ta'e. Harreetti ergamaa Sayifii qabatetu muldhate inni garuu akkuma keenya "Harreefi ulee" jedheetu ishee rukute. Inni harki isaa ni dhadhabe malee isheen yaada ishee hin jijjiirre. Qorattoonni kan irra gahaan amalli Harree tokko kanadha. Inumaayyuu Beektonni akka jedhanitti Harreen farda caalaa ni madaalchisti ykn wal bukkee qabdee ilaalti ykn gamaggamti. Harreedhaaf nageenya isheetii ol kan ta'e homtuu hin jiru. Namoonni durii "Fardaan kan dhufan waraanota (namoota waraanaa), Harreedhaan kan dhufan namoota nageenyaati" jedhanii amanu ture. Sababni isaas Harreen fuuldura isheetti rakkoon yoo jiraate hin sochootu waan ta'eef. Kiristoosis gaafa Hoosaahinaa Farda, Gaala ykn Gaangeedhaan osoo hin taane Harreedhaan dhufuun isaa nagaa labsuu isaaf fakkeenya jedhu Abbootiin.

Biyya keenyatti wanti amma gurraa Harree fi Arbaa itti qoosame hin jiru. Harreen garuu gammoojjii keessatti sagalee Harree biraa hanga Maayila 60 irraa fagaatee jiru ittiin ni dhageessi. Faayidaan gurra Harree kana qofaa miti. Wanta Atsee Hayila Sillaaseen dubbatan jedhame tokko haa ilaalluu Mootichi gara Bishooftuu yeroo deemanitti oolmaa haala qilleensaa Raadiyoo irraa dhageeffataniiru. Raadiyoo irraa kan dhaga'aanis Aduudhaan oola kan jedhudha. Mootichi kana amananii gara Bishooftuu ni deemu. Daandii irratti garuu qonnaan bulaan tokko Harree fiigsisaa osoo ofaa jiru argu, Mootichis "Maalif Harree akkasitti fiigsifta?" jedhuun innis "Bokkaan dhufuufi waan ta'eefi" jedhee deebisaaf. Mootichis "akkamitti barte" jedhuun. Innis "Harreen gurra ishee dhaabdeerti" jedheen. Isaanis dinqisiifatanii ni deemu. Garuu osoo xiqquma achi hin siqiin bokkaan roobuu jalqabe. Harreen gogaan ishee akka bineeldota kaanii bokkaa kan danda'u miti, kanaanis karaa gurra isheetiin dursitee baruun of eeggatti. Karaa nyaataa garuu Harreen hamatamuun ishee waan oolu miti. Garaacha hanga 40 ta'an qabdi. Kanumaaniyyuu Harreen umuriin ishee haguma dabalaa deemuu hangi Garaacha ishees dabalaa deema. Garaacha ishee 40 kanaanis Kaarota 18kg naattee fixuuf sa'aatii tokko itti hin fudhatu. Hanga ammaatti akka seenaa Harrootaatti harreen garaacha hedduudhaan Riikardii qabatte Harree biyya Uzbeekistaan yoo taatu Garaacha 59 qabdi.

Qulqulleettii Soofiyaa fi ijoollee ishee Durboota Sadan

Ijoolleen Qulqulleettii Soofiyaa; Pisxis, Alaapis fi Agaappis jedhamu. Hiikni maqaa isaaniis Amantii, Abdii fi Jaalala kan jedhu yoo ta'u, hiikni maqaa ishee ammoo ogummaa jechuudha.

Ijoolleen ishee yeroo guddatanitti gara Magaalaa Room geessitee Waaqayyoon sodaachuu fi barumsa Mana Kiristaanaa barsiisteerti. Ciminni Amantaa Ijoollee Dubroota kana sadaniis mootii hamaa Room bara sanaa biratti dhaga'ame. Gara isaatti akka fidaniifis ni ajaje, isaanis ni fidan. Haatii isaaniis "Ijoollee koo ofeeggadhaa kabaja darbaa addunyaa kanaa ilaaltanii lapheen keessan akka hin dhadhabnee fi jireenya bara baraa irraa akka hin fagaanne, Misirricha Kiristoos waliin gara cidha samiitti akka galtaniif cimaa" jettee gorsite.

Umuriin ishee hangafaa 12, kan ishee lammaffaa 10 kan ishee sadaffaa ammoo 9 ture. Haati isaaniis gara mootiitti isaan dhiyeessite. Mootichis Appolooniif akka sagadan, Waaqayyoo akka ganan dabareen isaan gaafate. Isheen hangafaatiinis mootichi "Ani anga'oota mana mootummaa kanaa keessaa tokkotti sin heerumsiisa, Kennaa hedduus siifan kenna Appoolooniif sagadi" jedheen. Isheenis Isaafii xaa'otootni ykn waaqolii tolfamoon isaa homaa akka hin fayyadne itti himtee. Amantaa ishees akka hin ganne, Xaa'otiifis akka hin saganne itti himte.

Naabukadanatsoor bara isaatti fakkii dhaabee Sidraaq, Misaaq fi Abdinaagoom Waaqayyo ganaatii fakkii ani dhaabeef sagadaa jedheenii hin sagadnu yeroo jedhan ibidda keessatti isaan gate Waaqayyos Ergamaa ergee isaan fayise Dan. 3:1. Mootichi Room kunis aaree uleewwan sibiilaan akka ishee reeban, harma ishees akka muran akka ishee gidirsan ajaje. Yeroo keessa ishee galchanis kadhachaa keessa dhaabbatte, ibiddichis tasuma ishee hin tuqne, hoo'insi eelee sanaas akka fixeensa ganamaatti qorraa ta'e. Namoonni walitti qabamanii jiranis dinqisiifatanii Waaqayyoon galateeffatan. Namootni hedduunis Iyyesuus Kiristoos Waaqayyootti amanan. Mootichis kanaan mufatee morma ishee sayifiin mursiisuun wareegamummaan boqotte, gonfoo wareegamummaas ni gonfatte. Haati ishees foon ishee ni fudhatte.

Intala ishee lammaffaa Alaapisis dhiyeessanii ni reeban. Garmalees ishee garafan. Eelee Sibiilaa ho'aa keessas ishee galchan, ciminni amantaa ishees akkuma daa'imman sadan Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa'eelidha. Akkuma obboleettii ishee hangafaa, ishee irras wantoota hedduu geessisan isheenis akkuma obboleetti ishee kadhannaan ibiddicha dhaamsitee balleessite. Achiinis Mootichi akka ishee baasanii fi morma ishees akka sayifiin muran ajaje. Isheenis akkuma obboleetti ishee wareegamummaan boqottee gonfoo jireenyaa argatte. Haati ishees foon ishee kaastee fudhatte.

Qulqulleettii Soofiyaanis intala ishee xiqqoon Agaappis akka hin sodaanne, akka obsitu gorsaa fi jajjabeessaa turte. Ishees gara maashinii qaama namaa daakuutti galchan. Bara Duuka Bu'ootaa keessa mana hidhaa Qulqullichi Pheexiroos itti hidhame ergamaan seenee akkuma baase ( HDB. 12.) Waaqayyo ergamaa isaa ergee Agaappis kan keessa jiru maashinicha ni cabse. Isheenis osoo homaa hin ta'iin ni baate. Yeroo lammaffaafis ibidda qabsiisanii akka ibidda keessatti ishee darbatan ajaje. Isheenis fuula ishee bifa fannootiin mallatteeffattee gara ibidda boba'uutti darbatamtee seente. Yeroo kanas ibiddichi ni dhaame. Namootni naannoo sana turanis ifa kan uffatan ergamootni uffata adiidhaan yeroo ishee golgan arganii ni ajaa'ibsiifatan, baay'een isaaniis ni amanan. Mataan isaaniis muramee wareegamummaan boqotan. Agaappiisis waggaa sagalaffaa isheetti mormi ishee muramee wareegamummaam Amajjii 30 boqotte. Obboloota ishee lamaan waliinis goonfoo kabajaa hin dabarre ni gonfatte. Haatii isaanii Soofiyaanis Awwaala ijoollee ishee sadaniirratti kuftee Waaqayyo akka ishee boqochiisuuf kadhattee kabajaan boqotte.

Mootichi hamaan Room kunis Waaqayyo irraa dhukkubni hamaan itti ajajamee, iji isaa baba'e, lafeewwan isaa hanga mul'atanitti foon isaa tatarsa'ee, harki isaa muramee, malaa fi dhiigni isaa dhangala'ee, qaama isaa irraattiis raammoo harca'ee, qaamni isaa badee du'a hamaatiin du'e.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Eebbi Qulqulloota kanaa nurra haa bulu! Ameen!


17/08/2013. Ambo, Ethiopia

Post a Comment

0 Comments